Saturday 7 July 2007

Wayyaanee Maaltu si Liqimsaa?

Wayyaanee Maaltu si liqimsaa?
Bara Uummatin Oromoo nagaa fi jaalalaan si wajjin jiraachuuf jecha dalaga badii ati hojjechaa turte siif obse ati sodaa seetee dhaba uummata Oromoo kan ta'e ABO akka inni hin saba isaa wajjin hin jiraanne gochuu yaalte. Garuu, humni uummataa humna cimaa dhaa har'a uleen kee sitti garagaltee si nyaachaa jirti. Kana immoo gaafa Gen. Kamal Galchuu badii kee sirratti bara atis barachuu hin dhabdu. Har'as warri jala kee jiran waan isaan garaa isaanii keessatti yaadaa jiran hin beektu. Sana chaalaa garuu leenci bosonaa baroodaa sitti dhufeera. Boollamoo waaqa seentaree? Falli hin jiru. Moofaa kee xixadhuu karaa kee qabadhu. Jaalattes jibbites biya namaa keessatti akka barbaadaniif amma barbaadan jiraachuun, bonuun, jeequun hin dandaa'amu Har'a dubbiin garagaleera. Bara waaq nama qabe margi lafaalee nama qaba jedhanii dafii of fali